Godaannisa by Dhaabaa Wayyeessaa

Sale price $40.00 Regular price $45.00

Godaannisa

“Irra deddeebi’ee akkuman dubbadhe, kitaabota Afaan Oromoon barreeffaman keessaa yeroo jalqabaaf kanan dubbise Godaannisa dha. Asoosama al tokko dubbisuu eegallaan tasuma lafa kaa’uun hin danda’amne dha. Namni kitaabicha dubbise kamuu dhugaa kana naaf mirkaneessa. Dhaabaa Wayyeessaa kitaaba kana irra deebi’anii waan baay’ee itti dabalanii akka daran nama hawwatutti barreessan. Akkan gulaaluuf yeroo natti kennanitti tokkoo tokkoo fuula kitaabichaa akkan ajaa’ibsiifadhettin hojjedhee xumure. Dhugaa dubbachuuf Obbo Dhaabaan dungoo ogbarruu Oromooti. Nama oolmaa guddaa nuuf oole kan nuti immoo waa’ee isaa hin dubbatiin jirrudha . . . Godaannisni haala kanaan maxxanfamuu isaaf baay’een gammada. Ogbarruu Oromoo tarkaanfii tokko fuula duratti akka butu hin shakku. Dubbistootaa fi jaallattoota ogbarruu Oromoo hundaan baga gammaddan jechuun fedha!” 

– Eebbisaa Baay’saa, Beekaa Saayikooloojii fi Barreessaa, Guraandhala 09,2021

Godaannisa – Dhaabaa Wayyeessaa book | Oromo book | Godaannisa by Dhaba Wayesa

“Giimiin abidda ogbarruu keessa barreessichaa Dhaabaa Wayyeessaa ruuqamee jiru nama raajeffachiisa! Abdii namatti hora, humna ogbarruun qabu namatti mul’isa, barbadaan dhokataan barreessichi garaattii baatee jiru, kan laboobni isaa ukkaamsame sana gadi baasee yeroo inni bobeessu, yeroo inni laboobicha bifa barreeffamaatiin si qaqqaammachiisu, qaamaa dharraa ogbarruun shunnuugame yeroo ho’isu, yeroo bu’aa ba’ii jireenya dhala namaa si suufsisu, sammuu yaadaan dhiphate, weeraramee fi jeeqame yeroo bohaarsu, yeroo jechoota mi’aawaan jiisu, yeroo dharraa baasu,  dhamdhama ogbarruutiin machaa’uu kee tu sitti dhaga’ama. Magan na jechisiiseera!

–  Mubaarek M. Sulxaan, Barreessaa, Guraandhala 14,2021. 

“Namoo (Dhaabaa), . . . jechoonni kee akka eeboo qara qabu, eeboo waan itti falfalame tarsaasee keessa ba’ee lafatti diramu. Kitaaba kee yoon dubbisu qorri ati achi keessatti ibsitu natti dhaamota, ho’is na dafqisiisa, jaalallis na qaba, jibbis na ifachiisa, xiiqinis na hudha, nameenyaanis na raasa, gaddis na imimmaansa, gammachuunis na utaalchisa, jechoota kee dhaga’uudhaan homaa kan ani hin taane tokkoyyuu hin qabu. Ogummaa keetiin ammas dhiibbaa nurra geessisuu danda’uu keetiif dubbiftoota kitaaba keetii hundarraa galata qabda. Akka ati itti ibsitutuu adda, akka ati itti afaan keenyaan dhimmootatti lubbuu hortutu ajaa’ibsiisaadha, afaanichi raadiyoo cabsa jedhamaa ba’e sun, jiruufi jireenya ilma namaa haala ajaa’ibsiisaa ta’een ibsuu akka danda’u gochaadhaan argisiifte.”

–  Gammachuu Wiirtuu (PhD), Barreessaa, Waloo fi Taatoo ijoo ‘Dukkamaan Duubaa’ Guraandhala 23,2021. 

 

“Kitaaba Dhaabaa Wayyeessaa ‘Godaannisa’ yeroo hedduu dubbiseera. Hamman dubbisun haaraa natti ta’a. ‘Gurraacha Abbayyaas akkasuma. Afaan Oromoo barreeffama asoosamaaf hammam mijataa akka ta’e barreessitoota qabatamaan agarsiisan keessaa inni isa hangafa. ‘Adorable!’”

– Isaac Ammar Muhe , Hagayya 15,2015

“Namoo Daandii (Dhaabaa Wayyeessaa) asoosamni kee barreessitoota Oromoo hedduu barreessuutiin gahe. Miliyoonota immoo kakaase. Umurii dheeradhu, fakkeenya keenya ati.”

– Maatii Bilata, Mudde 1,2015


“’Godaannisa’  har’a taa’ee yoon gara boodaatti deebisee yaadu, Afaan Oromoo bara 1991 itti dhimma ba’amuu jalqabe Dhaabaan bara 1992 ‘Godaannisa’, asoosama akkas namatti toluu fi guddina ogbarruu Afaan Oromoo mul’isu sana barreessuun isaa jabina Dhaabaan bara sana qabu natti mul’isa. “

– Abdi Fixe, Barreessaa & Gaazzexeessaa, Hagayya 14, 2015


“ ‘. . . Yeroo isheen achii gara koo as adeemtu lafatu na jalatti sirbe . . . .’ Nan yaadadha barataa kutaa 11 ta’ee kitaaba kana yeroon dubbisu, miira yeroo sana keessa koo ture yoon yaadu ammas iddoon jiruu ka’ee fuudheen dubbisa. Mi’aan ‘Godaannisaa’ keessa kootti godaannisa ta’ee hafe.”

 

– Tolola Fantaye, Mudde 1, 2015